Puutiinii fi Zalaniskiin gara nagaatti ni dhufu amantaa jedhun qaba – Tiraamp

You are currently viewing Puutiinii fi Zalaniskiin gara nagaatti ni dhufu amantaa jedhun qaba – Tiraamp

‎AMN PLUS – Hagayya 09/2017

‎Pireezidaantiin Ameeriikaa Doonaald Tiraamp, gita isaanii Raashiyaa Vilaadimiir Puutiin waliin mariin taasisan waraana Yuukireen ni dhaabsisna jedhanii abdachuu isaanii ibsanii jiru.

Tiraamp har’a Puutiin waliin Alaaskaatti marii taasistuuf jiran dursanii gaazexessitootaaf ibsa kennaniiru.

‎Tiraamp Yuukireen waliinillee mariin dabalataa akka barbaachisu eeran.

‎Tiraamp ibsa isaaniitiin, Puutiin sadarkaaa nageenya waaressuu irra ni gahu, Zalaniskiinis sadarkaa wal-fakkaataatti ni dhufu” jechuun dubbataniiru.

‎Pireezidaantiin Yuukireen Zalaniskii fi deggertooti isaanii biyyootni Awurooppaa marii Ameeriikaa fi Raashiyaan gaggeessan Yuukireen irratti miidhaa kan hin fidne ta’uu qaba jechuun ejjennoo qabachuun isaanii ni yaadatama.

‎Mariin marsaa itti aanu keessatti Prezidaantiin Yuukireen Zalaniskiin, Prezidaantiin Raashiyaa Puutiin, Isaanumti Doonaald Tiraamp fi hooggantoonni Awurooppaa kan keessatti hirmaachuu danda’an akka tahe eegama.

‎Pireezidaantiin Raashiyaa, waraana Addunyaa 2ffaatti aanee, Awurooppaa keessatti walitti bu’iinsa dhumaatii guddaa hordofsiise kana dhaabsisuuf tattaaffii Ameerikaan taasisaa jirtu kan dinqisiifatamu akka tahe ibsanii jiru.

‎Tiraampii fi Puutiin marii taasisaniin walitti hidhamiinsa diinagdee irratti akka dubbatanis odeeffannoon Kireemiliinii bahe eereera.

‎Mariin Alaaskaa bu’a qabeessa osoo hinta’in yoo hafee fi Puutiin nageenya buusuuf yoo fedhiin qabaatin, garuu Raashiyaan qoqqobbiif saaxilamuu ni dandeessi jechuun RTE ‘n gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply