Ayyaana ijoolleen umuriin isaanii 9 hanga 16 jiran kabajatanidha. Bakka tokko tokko tti ammoo hamma waggaa 13’tti kabajatu.
Ukee fi Taaboreen Iddoodhaa iddootti maqaan gargar ta’us kaayyoon isaa tokkuma. Ijoolleetu ittiin Waaqa galateeffata. Birraan bari’uuf waan jiruuf gammadu.
Giddu galeessa Oromiyaa kanatti Ukee jedhamee kan kabajamu Ayyaanni Ijoollee kun ifa birraaf akka jala bultii ta’e Hayyuu Gadaa Hordofaa Damissee AMN Digital’f himaniiru.

Magaalaa Finfinnee, Kutaa Magaalaa Lammii Kuraatti dhalatanii akka guddatan, achumatti Abbaa Gadaa tahuun, amma ammoo yeroo gadooma isaanii fixanii akka hayyuu tahan dubbatu.
Oromoon waqtii Gannaatti akkasumas yeroo ganni bahuuf jiru “Ooduu gannaa nagaan nu baasi, bacaqii gannaa nagaan nu baasi” jechuun Waaqa akka kadhatu AMN Digital’f himaniiru.
Ijoolleenis yoo ganni bahuuf, birraadhaan bakka bu’uuf jiru kanatti qaccee isaanii qabatanii dhukaasaa, akkasumas dhiichisaa gammachuu isaanii ibsatu jedhan.
Ijoolleen yeroo manaa bahan abbaan eebbisee bixxilee fudhatanii akka deemaan dubbachuun gaafa Ukee ijoolleen horii akkan tiksine ibsan. Abbaafi haadhatu, dabaree naqatee tiksaaf.

Kanaaf burraaqa ijoollee jedhamee beekama jedhan, Obbo Hordofaan. Ijoolleenis kanaaf akka waggaadhaan dafee deebi’ee dhufu hawwu.
Hayyuun Seenaafi Aadaa Obbo Charinnat Waaqwayyaa turtii AMN Digital waliin taasisaniin, bacaqiin gannaa darbee, waqtiin ifaa ijoolleen akka barbaaddetti itti fiiganii taphatan, fiiganii jalaa bahan, loon fiiganii itti deebisaniif ari’anii qaban dhiyaateeraaf gammadu jedhan.
Obbo Charinnat bakki itti guddatan, Godina Horroo Guduruu Wallaaggaa keessatti. Naannawa Lixaatti Taaboree jedhamuun kabajama. Taabooree jechuun Ta Boruu ykn Nama Boruu jechuu akka tahe himan.
Ijoollummaa isaaniitiin waan dabarsan yaadachaa, “Taaboree Taaboree waggaa, Taaboree Taaboree loonii, Oohoo Sirba Taaboree…” jedhaniis irraa nuuf jedhaniiru.

Ka’umsi ayyaana ijoollee kanaa sirna Gadaa akka tahe dubbatu, Obbo Charinnat.
Ayyaanota Gurguddaa Sadan jechuunis, Ayyaana Abbaa, Ayyaana Haadhaafi Ayyaana Ijoollee, keessaa Taaboreen Ayyaana Ijoollee jalatti ramadamuu himanii jiru.
Dhahaa Oromootiin, Baatii Hagayyaa keessa gaafa 13 eegalee kabajamas jedhan. Ijoolleen bakka loon tiksitutti, bakka bakkatti dallaa ijaarrattee gamaafi gamana dhaabbattee, qaccee dirrisiisti jedhan.
Sirbanii ka’anii, qaccee dirrisiisanii, akkasumaan galuun hin jiru, akkaatuma waliin jiraniin, dhangaa/nyaataafi dhugaatiin qophaa’eefi nyaatanii, dhuganii maanguddoon isaan eebbisee wal gaggeessu malee. Kan baranaan nu geesse, bara egeriinis nu gahi jedhanii, wal eebbisanii, qaccee isaanii dirrisiisaa gara mana isaaniitti galu.
Ijoolleen qoorbee qoorbee ykn akkuma hiriyaa ta’anitti Taaboree irratti hirmaatan, umurii ijoollummaa keessaa bahanii gara baddaa korreetti/dargaggummaatti seenuuf yeroo itti qophaa’aniifi ijoollummaatti nagaa dhaamanis akka tahe dubbatan Obbo Charinnat.

Godina Shawaa Kaabaa, Magaalaa Fiicheetti Ogeessa Aadaafi Tuurizimii kan tahan Obbo Fiqaaduu Tasfaayee, Ukeen akka hangafa ayyaanotaatti ilaalama jechuun kunis ayyaanota biroo dursee waan dhufuuf akka tahe ibsan.
Hagayya 13 irraa eegalee kan kabajamu yoo tahu ijoollee horii eegan’tu baay’inaan kabaja jedhan.
Ijoollee kanaaf bixxilleen tolfameefi qabatanii bahu kan jedhan Obbo Fiqaaduun akkuma walgahaniin bakka bakkatti godoo ijaarratanii qaccee dhukaasaniifi dhiichisanii waliin taphatu, waliin gammadu jechuun AMN Digital’f himaniiru.
Bakka tokkotti walitti qabamanii bixxillee walitti fidan nyaatu, kuni tokkummaa agarsiisa jechuun dubbatu.

Qaccee yeroo dhukaasan, kan sagalee guddaa dhageessise jedhanii wal dorgomu. Yeroo birraan bari’aa deemu ijoolleefis isa guddaafis waqtii gammachuu waan ta’eef sagaleen qancee sun misiraachoo ifaattis ilaalama.
Aadaan kun akka hin dagatamne maatiin ijoollee barsiisuu qabu jedhan. Barreessitootni, Waajjiraaleen Aadaafi Tuurizimii, Sabaa himaaleen Ukeen/Taaboree akka gara dhalootaatti darbu akkuma ogummaan isaaniitti jabaatanii hojjachuu qabu jechuun hayyootni kunneen AMN Digital’f yaada isaanii kennaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin