Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp wayita gita isaanii Yuukireen Volodimir Zelesinkii simachuuf qophaa’an jiranitti Yuukireen Miseensa Waadaa Waraanaa Kaabaa Atilaantikii (NATO) hin taatu jedhan.
”Tiraamp, Pireezidaantiin Yuukireen yoo barbaade waraana Raashiyaa wajjin taasisu itti fufuu danda’a” jechuun waliigalteen irra gahamu, Yuukireeniin miseensummaa NATO gonfachiisu akkan taane ibsan.
Raashiyaan, Yuukireen keessaa Kirimiyaa bara 2014 weeraruun fudhatte illee akka deebisuu akka hin dandeenye akeekkachiisanii turan.
Pirezdantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii akkaataa waraana dhaabuun danda’amurratti mari’achuuf Waashigitan DC galaniiru.
Marii Zeleniskiin Pirezidaant Tiraamp waliin Waayit Haawusitti mari’atan kanarratti qondaalonni Awurooppaa hedduun akka argaman BBC’n gabaaseera.
Daraartuu Tarreessaatiin,