Kantiibaa Adaanach Abeebee pirojektoota ijaarsi isaanii xumurame eebbisan

You are currently viewing Kantiibaa Adaanach Abeebee pirojektoota ijaarsi isaanii xumurame eebbisan

‎AMN PLUS – Hagayya 16/2017

‎Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen ijaarsa bakkeewwan dhaabbii Konkolaataa giddu-galoota gabaa, bakka taaksiifi atoobusootni itti fe’anii buusan garaa garaa eebbisuun hojii eegalchiisan.

‎Kantiibaa Adaanach, Caffee Aannanii (Meeksikoo) eegalee hamma Lagahaaritti yeroo tokkotti bakka dhaabbii 13, konkolaattota Kuma 2 fi 145 keessummeessuu danda’u akkasumas bakka yeroo tokkotti taaksii fi atoobisii Kuma Tokkoofi 624 itti fe’uu fi buusuu danda’u ijaaramee tajaajilaaf akka baname ibsaniiru.

‎Aadde Adaanech, ganna kana pirojektoonni kuma 19tti siqan ijaaramanii tajaajilaaf kan ga’an ta’uu ibsaniiru.

Pirojektoonni har’a eebbifaman kun magaalattii keessatti naannolee sochiin tiraafikaa itti heddummatan, bakkeewwan balfaa fi ijaaf namatti hin tolle keessatti kan ijaaraman ta’uu ibsuun sochii tiraafikaa ariifachiisuu fi carraa hojii uumuuf kan gargaaran ta’uu itti dabaluun beeksisaniiru.

‎Bakkeewwan konkolaataa dhaabuu fi bakki taaksii fi atoobisiin fe’uu fi buusu pirojektoota suuqiiwwan 300, manneen kuusaa 50, mana fincaanii 80, kaameraa nageenyaa, fi teeknooloojiiwwan ammayyaa wiirtuu tokko jalatti ittiin to’achuu danda’an kan qaban akka ta’e ibsameera.

‎Pirojektoota xumuramanii eebbaaf qaqqaban keessaa Naannoo Dhaddacha Baashaa Waldee jedhamutti kan ijaarame Giddugala Daldalaa Sikkeet, Bakka Dhaabbii Konkolaataafi Pilaazaa, Giddugala Daldalaa fi Buufata Dhaabbii Konkolaataa Gamtaa Afrikaa, akkasumas bakka dhaabbii konkolaataa fi tarminaalota taaksii fi awotobusii Meeksikootti ijaaraman tahuu beekameera.

Sabsibee Baayyuutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply