Itiyoo Teelekoom bara baajataa 2018tti maddoota galii garaagaraa irraa birrii biiliyoona 235.8 walitti qabuuf karoorsuu beeksise.
Daabbatichi Karoora hojii bara 2018fi tarsiimoo hojii waggoottan sadan itti aananii irratti ibsa miidiyaaleef kenneera.
Itiyoo Teelekoom hojiilee gara fuulduraa hojjetu hunda namooma irratti xiyyeefachuun kan hojjetu ta’uu Hojiraawwachiistuu olaantuun dhaabbatichaa Aadde Firehiwoot Taammiruu ibsa kennaniin himaniiru.
Waggoottan sadan itti aananittis babal’ina teekinooloojii, qulqullina tajaajilaa, humna namaa gahoomeefi teekinooloojiitti madaqe horachuu, amanamummaa dabaluu, galii guddisuufi naannoo mijataa uumuu irratti xiyyeeffannoon kan hojjetan ta’uus Aadde Firehiwoot Taammiruu himaniiru.
Itiyoo Telekoom bara baajataa 2018tti magaalota Biyyattii haraa 550 fayyadamoo 4G taasisuuf karoorsuu kan himan Aadde Firehiwoot, jiddugaloonni tajaajila Moobaayilaa haaraa kuma1f 128 kan hundeeffaman ta’uus dubbataniiru.
Bara baajataa kanatti Tajaajiloota dhaabbatichi kennu hunda keessatti gandoonni baadiyaa 320 fayyadamoo kan ta’an ta’uu Aadde Firehwoot Taammiruu himaniiru.
Bara kana maamiltoota isaa miiliyoona 83.2 ture gara miliyoona 88tti guddisuuf hojjechaa kan jiran ta’uu Hojiraawwachiistuu olaantuun Itiyoo Telekoom Aadde Firehwoot Taammiruu himanii, Itoophiyaa gama hundaan diijitaalofte uumuuf xiyyeeffannoo guddaan hojjechaa kan jiran ta’uus eeraniru.
Waggoottan sadan itti aananittu maddoota galii dhaabbatichaa guddisuufi fooyyessuun birrii biliyoona 842.3 walitti qabuuf karoora tarsiimawaa qabatanii hojjechaa kan jiran ta’uus Aadde Firehiwoot Taammiruu dubbataniiru.
Sisaay Dirribaatu Gabaase