Biyyee malee qotuun ni danda’amaa?

You are currently viewing Biyyee malee qotuun ni danda’amaa?

‎AMN PLUS- Hagayya 21/2017

Finfinneetti qonni teeknooloojiin deeggarame oomisha qulqullina qabu hawaasaaf gumaachaa jira.

‎Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti kutaa magaalaa Qirqoos Mana Barumsaa Abiyoot Qirsii sadarkaa 2ffaa keessatti qonni biyyee malee getgeeffamaa jira. Dhaabanni Ethio Live fi kutaan Magaalichaa waliin ta’uun teknoloojii “hygdrofolic” fi “airofolic” jedhamuun deggaramanii mooraa mana barumsichaa keessatti kuduraa fi muduraalee adda addaa oomishaa jiru.

Teekinooloojichi akkasi, jalqaba biqilaa kuduraafi muduraatu xaa’oo gabbataan biqilfama. Achiis bishaan irratti diriirfame ho’aafi qilleensaan guddata. Balaliisaa Xiyyaaraa Muular Mohaammad hojii geggeessaa Ethio Live dha. Hojiif gara biyya Singaapooor yeroo imalanitti teekinooloojii kana argan.

Kaappiteen Muular AMN PLUS waliin turtii taasisaniin, “Teeknooloojii kana Singaapoooritti yeroon argu gara biyya kootti geessa jedheen murteesse, amma bu’aasaa qrgaan Jira” jedhan. Teekinooloojii kanaan tempireechara biqilaa madaaluu irraa eegallee haala saayinsiin hojii kuduraafi muduraa jedhuun oomishuuf appilikeeshinii qopheessuun ragaan barbaachisu hundi karaa toora intarneetii irraa (online) kan argamu ta’uu ibsaniiru.

‎Qonna dijitaalessuuf hojjetaa jirra kan jedhan Kaappiteenii Muular, tarsiimoo dijitaalaa mootummaan 2025 jedhee baase keessaa Qonna irrattis dhugoomsaa jirra jechuunis yaada kennaniiru.


Hojiin qonnaa teknoloojiin deggeramee oomishamaa jiru oomisha qulqullina qabu hawaasaaf dhiyeessuuf kan gargaaru ta’uu Itti gaafatamtuun Waajjira Qonnaan Bulaa fi Qonnaa kutaa Magaalaa Qirqoos Aadde Ballaxech Tasammaa ibsaniiru.

‎Tekinoloojichis waggaa guutuu osoo gargar hin kutin ittiin oomishuu kan dandeessisuufi oomisha qulqullina qabu oomishuu keessatti filatamaa, fayyaa namaafis bu’aa qabaachuu fi oomishuuf kan yeroo hin filanneedha jechuun dubbataniiru.

Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply