Daldalli E-Komersii dorgomtummaa daldalaa Itoophiyaa cimsa – Kaasaahun Gofee (Dr.)

You are currently viewing Daldalli E-Komersii dorgomtummaa daldalaa Itoophiyaa cimsa – Kaasaahun Gofee (Dr.)

‎AMN PLUS- Hagayya 29/2017

‎Dorgomtummaa daldala idil-addunyaa Itoophiyaa cimsuuf hirmaatonni damee daldala E-Komersii gahee olaanaa akka qaban Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhaminsa Naannoo Kaasaahun Gofee (Dr.) ibsaniiru.

‎ Torbeen Eksipoo daldalaa “Kan Itiyoophiyaa Bituu” 2017 Hagayya 24 irraa eegalee sagantaalee adda addaatiin Magaalaa Finfinneetti adeemsifamaa jira.

‎Mariin paanaalii qopheessitoota eksipoo fi qooda fudhattoota damee kanaa hirmaachise mata duree “E-Commerce and Digital Services” mata-dureen jedhuun taa’amaa jira.

‎Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannoo Kaasaahun Gofee (Dr.) dorgomtummaa daldala idil-addunyaa Itoophiyaa guddisuuf mootummaan hojjechaa akka jiru ibsan.

‎Ityoophiyaan sirna daldalaa ammayyeessuun oomisha qulqullina qabu gabaa addunyaaf dhiyeessuun galii al-ergii ishee guddisaa akka jirtus ibsaniiru.

‎Akka biyyaatti damee daldalaatiin bu’aa jajjabeessaa galmaa’uus guddina addunyaan irratti argamtuun wal bira qabamee yoo ilaalamu daldala E-Komersii irratti hanqinoonni akka jiran ministirichi hubachiisaniir

‎Dorgomtummaa daldala idil-addunyaa Itoophiyaa cimsuuf hirmaattoonni damee daldala elektiroonii gahee olaanaa taphachuu akka qabu yaadachiisuu isaanii TOI’tu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply