Guyyaa milkaa’inaa kan kabajnu imala guddinaa eegalle daran guddisuun fi cimsuun badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf akka ta’e Tajaajilli Kominikeeshinii Federaalaa beeksise.
Tajaajilichi Qaammee 3, Guyyaa Milkaa’inaa, mata duree, “Milkaa’ina, Olka’iinsa Waaraaf,” jedhamuun kabajamu sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee kan dabarse yoo ta’u fooyya’iinsi diinagdee Itoophiyaan karoorsite milkeessuu ishee beeksiseera.
Hojiileen diinagdee tasgabbeessuu, birmadummaa nyaataa mirkaneessuu, dorgomtummaafi gahee gabaa oomishaalee indastirii guddisuu, dandeettiifi seera qabeessummaa damee albuudaa cimsuu, gahee tuurizimiin diinagdee keessatti qabu guddisuu, diijitaalaayizeeshinii babal’isuu fi kenniinsa tajaajila mootummaa ammayyeessuun warreen xiyyeeffannoon hojjetaman ta’uu eereera.
Hojiilee qonna gannaa, misooma jallisii, maaddii guutuu fi sagantaa ashaaraa magariisaa irratti xiyyeeffannoo addaan hojjetamuun milkaa’inni olaanaan galmaa’uus beeksiseera.
Bara baajatichaatti bunni qofti seenaa isaa keessatti bara sharafa alaa olaanaa argamsiise ta’uu kan ibse Tajaajilichi, oomishoota gara alaatti erguun galiin Doolaara miiliyoonaan lakkaa’amu akka argame hubachiiseera.
Bu’uuraaleen misoomaa magaalotaa ammayyaa’aa dhufuufi Hidha Haaromsaa Guddichaa xumuramuus yaadachiiseera.
Itoophiyaan albuudaafi bakkeewan hawwata tuurizimii qabdurraa akka fayyadamtuuf hojii bal’aan hojjetamuu eeruun, milkaa’inoota seenaa jijjiiran kanneen itti fufsiisuuf mul’ata Itoophiyaa gara qabatamaatti jijjiiruuf karoorfamuu beeksiseera.