Itoophiyaan Injifatteetti: Xiinxalli Barruu ‘The Arab Weekly’ maal jedha?

You are currently viewing Itoophiyaan Injifatteetti: Xiinxalli Barruu ‘The Arab Weekly’ maal jedha?

AMN PLUS- Fulbaana 8/2018

Ajandaan Hidha Haaromsaa Injifannoo Itoophiyaatiin goolabameera jedha Barruun teessoo isaa magaalaa Landan taasifate ‘The Arab Weekly’

Waggoota kudhanii oliif seenaa ammayyaa keessatti Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa madda walitti bu’iinsa bishaanii guddaa ta’a jedhamee eegamaa kan ture ta’us injifannoo Itoophiyaatiin xumurameera.

Hidhamuu bishaan laga Abbayyaatiin biyyoota yaa’a gadii keessaa Ijipti ajandaa waraanaa sadarkaa addunyaatti labsaa turtus, Ministirri Muummee Itoophiyaa pirojektii doolaara biiliyoona 5’n ijaaramee Qaammee 4 bara 2017 eebbisiisuun isaanii injifannoo guddaa addunyaatti agarsiise jedha.

Ijaarsi Pirojektii Hidha Haaromsaa eegalamuu hordofee biyyoonni yaa’a gadii michoomuun, dhimmi laga Abbayyaa jaarsummaa addunyaatiin akka ilaalamu taasisuun tapha siyaasaa wal xaxaa uumuudhaaf tattaafatanis, hidhi haaromsaa xumuramee eebbifamuun ajandaa siyaasa addunyaa ofirraa kutuu danda’uu hime.

Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi yeroo Pirezidaantummaa isaanii kan jalqabaa irratti “Ijipt hidha kana ni haleelti” jechuun dubbatanii akka turan barruun kun yaadachiisa. Har’a garuu filannoon kun sadarkaa hin yaadamne irra ga’eera jedhe.

Dhugaan jiru Sudaan daangaa hidhichaarraa fageenya maayilii sagalii qofa qabduuf, xumuramuun hidhichaa humna ibsaatin daran akka ishee fayyaduu hime.

Itoophiyaan hidha haaromsaa irraa biyyoota ollaa waliin fayyadamuun michooma biyyoota yaa’a gadii cimsachuuf tattaaffii taasistu gufachiisuuf Ijipti yeroo hundaa holala siyaasaatiin ajandaa uumaa turteetti.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (Dr) garuu “Nuti obbolootni waan qabnu walii kenninee waliin haa guddannu” jechuun waltajjii biyyaalessaafi idil-addunyaa irratti dhaadhessaa turuus barruun kun himeera.

Ammas biyyoota ollaafi yaa’a gadii Itoophiyaa wajjin pirojektiiwwan hambaa dhalootaa ta’an hojjatanii ol kaa’uuf yaadaafi mul’ata qaban wajjin hojjachuuf fedhii guutuu qaban irraa kan ka’e waamicha taasisaa jiraachuus addeesseera.

Humna, beekumsaafi maallaqa qofa osoo hin taane copha dafqaa, dhiigaa, bishaaniifi imimmaanii lammiilee Itoophiyaatiin ijaaramee xumuraaf kan qaqqabe pirojektiin guddaa siidaa dhaabbataa dhaloota bara ida’amuu ta’e hidhi haaromsaa humna ibsa guddaa maddisiisuun biyyoota ollaa bira dabree Afriikaaf Addunyaa ibsuuf akka oolu beeksisanii turuun ni yaadatama.

Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply