Waqtii Wal-hormaataa isaanii Itoophiyaatti godaanu, Godoo ofiisaanii osoo hin taane, godoo simbira kaaniitti hanqaaquu buusu. Dhugaawwan Simbira Masqalaa kanneen hagam beektu?
Waggaatti waqtii Birraa samii Itoophiyaa irratti kan mul’atan Simbirroon Masqalaa, Keessummaa Birraa jedhamuun hawwiin eegamu.
AMN Diijitaal waa’ee Simbirroowwan kanneenii Inistitiyuutii Heddummina Lubbu-Qabeeyyii Itoophiyaa irraa qorateera.
Inistitiyuutichatti Hoji-Raawwachiisaan Qorannoofi Qo’annoo Bineensotaa Obbo Amaaree Gibruu akka himanutti, Simbirrootni Masqalaa baay’inaan asuma ardii Afrikaa Naannoo Gammoojjii Sahaaraa gara gaditti argamu.
Gosootni Simbirroo Wiidoowbard, Biishoop, Indiiggoofi Waayidaah jedhaman bakkuma tokkotti moggaasa Simbirroo Masqalaa jedhamuun akka waamaman Inistitiyuutiin kun ibseera.

Sanyiiwwan simbirroo Masqalaa 10 caalantu jiru.
Waqtiin birraa keessumaa baatiin Fulbaanaa yeroo isaan itti hormaataaf qophee ta’an, sanyii isaanii bakka buusuufi baay’ifachuu filatanidha jedhu Obbo Amaareen.
Kanaafuu, Simbirrootni Masqalaa warri dhalaa, Simbirroota kormaa ofitti hawwachuuf halluu isaanii hawwataa taasisuun ni geggedderu.
Dabalataanis, hanqaaquu isaanii godoo simbiraa kanneen biroo keessatti buusuunis wal horu. Baay’een isaanii halluu gurraachaa yoo qabaatan, Naannoo miila isaanii halluu cuquliisa ykn gara gurraachaatti siqu ni qabaaatu.
Garaa garummaan yeroo baay’ee itti beekamanis halluu isaanii gurraacha ta’e ykn gara cuquliisaafi gurraachaatti siqu kanaan ta’uu himaniiru.
Simbirrootni kunneen ulfaatina/guddinaan, halluu baallee fi miila isaaniin gargar baafamu.

Akkaatuma wal fakkeenya isaaniitti wal hormaataafis Wal hawwatu jedhamee akka tilmaamamu Hoji-Raawwachiisaan Olaanaan Qorannoofi Qo’annoo Bineensotaa Amaaree Gibruu AMN Dijitaalitti himaniiru.
Akkuma warra dhalaa, kormaanis akkasuma bifa halluu isaanii jijijjiiruun hawwataa taasisuudhaan yeroon wal hormaata isaanii akka gahe kan labsan akka ta’e dubbataniiru.
Itoophiyaattis yeroon addaa Simbirrootni kunneen itti wal horan waan ta’eef halluun adda addaa ittiin faayamanii waliif weeddisaa namaa gammachiisaa yeroo isaanii gaarii kana dabarsan yaadannoowwan hin dagatamne sammuu namaa keessa kaa’a.
Isin hoo, Simbira Masqalaa naannoo keessanitti argitaniittuu? Yaadannoon addaa Simbirroo Masqalaa faana wal qabsiisee qabdan yoo jiraates nuuf qoodaa.
Malkaamuu Abbabaatiin