Ayyaanonni addababa’ii si’eessituu guddina diinagdeeti -Obbo Hundee Kabbadaa

You are currently viewing Ayyaanonni addababa’ii si’eessituu guddina diinagdeeti -Obbo Hundee Kabbadaa

‎AMN PLUS-Fulbaana 15/2018

‎Kabajni ayyaanota addababa’ii yaa’iinsa tuurizimii dabaluun si’eessituu guddina diinagdee ta’aa dhufuu Komishinarri Komishinii Tuurizimii Magaalaa Finfinnee Hundee Kabbadaa dubbatan.

‎Komishinar Hundee Kabbadaa AMN PLUS waliin turtii taasisaniin, “Qabeenyi guddaan nuti akka biyyaattis ta’e akka magaalichaatti qabnu ji’oota ayyaanaa yaa’insa tuuristii guddaa gara biyya keenya dhufaniidha” jedhan.

‎”Ayyaanni tuurizimiifi hiika guddaa qaba” kan jedhan komishinar Hundeen, “tuuristiin dhufu maallaqa fidee dhufee diinagdee magaalaa keenyaatti dabala” jedhani.

‎Jijjiirraa bara haaraatiin durattis ayyaanonni akka Qaammee, Goobeefi Shinooyyee, ayyaaanonni Aadaafi amantii magaalaa Finfinnee keessatti namoota hedduu hirmaachisuun gaggeeffamaa turuu yaadachiisaniiru.

‎Jijjiirraa baraa boodas ayyaanota guddaa Gubaa Masqalaafi Irreechaa karaa aadaa fi duudhaa isaanii eeggataniin akka kabajamuuf qophiin taasifamaa jiraachuu himaniiru.

‎Ayyaana miilanaa bifaafi miira addaa kan qabaachisu fedhii bu’uuraalee misoomaa hawaasaa guutuun paarkiiwwan gurguddaa ta’an magaalicha keessatti ijaaramuu eeruun, hojiin koriidarii tuuristoonni akka barbaadaniitti magaalattii keessa socho’anii iddoo tuurizimii filatanii daawwachuu akka danda’aniif haala guddaa mijeessuu ibsaniiru.

‎”Keessattuu ayyaana Irreechaa hirmaattonni Miliyoonaan lakkaa’aman irratti argaman ija tuurizimii qofaan kan ilaalu osoo hin taane walitti dhufeenya biyyootaafi fuula gaarii biyya keenyaa kan ijaarudha” jechuun ibsaniiru.

‎Finfinneen yeroo kana caalaatti miidhagdee keessumoota ishee simachuuf qophiin akka taasifame dubbataniiru. Tuuristoonni gara Finfinnee dhufanis waan eeganii ol argachuu akka danda’an

‎Komishinarri Komishinii Tuurizimii Magaalaa Finfinnee Hundee Kabbadaa AMN PLUSl waliin turtii taasisaniin ibsaniiru.

‎Daraartuu Tarreessaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply