AMN PLUS – Fulbaana 19/2018
Duudhaalee Sirna Gadaa keessa Irrechi isa tokko. Irrechi Sirna Gadaa keessatti sirna galateeffannatti.
Oromoon Irreechaan waaqaafi lafa araarsee uummata gidduutti illee nagaa buusa. Kanaaf yeroo Irreechaa kan walitti bu’e waliif dhiisee haaloo tokko malee garaa qulqulluun Waaqa isaa itti kadhattu akka ta’e Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa dubbataniiru.
Irreechi Oromoon tokkummaan bahee irreeffatu lamatu jira. Isaanis Irreecha Malkaafi Irreecha Tulluuti.
Irreechi Malkaa kan galateeffannaa waaqaati. Booruu gannaa keessa nu hulluuqsistee taliila birraatti baga nagaan nu ceesiste jechuun Oromoon Irreecha Malkaa kanaan galateeffannaa dhiyeessa jedhan Abbaan Gadaa Goobana Hoolaa yaada AMN DIjitaaliif kennanin.
Lafa hoodaa malkaatti bahuun tokkummaan Waaqa galateeffatu. Galata kanas kan wal-lole yoo jiraate araaramee goomii ykn haaloo tokko malee garaa qulqulluun galata kan dhiyeessan. Irreechi Tulluu Irreecha Waaq-kadhaa ykn kan ittiin Waaqa kadhatanidha.

Kunis waqtii Arfaasaa keessa “Yaa Waaq- nutti roobi lafa nu gabbisiif” jechuun waaqa kadhatu. Kanaaf lafa ulfoo jechuunis lafa hoodaa Tulluutti bahanii irreeffachuudhaan kadhannaa dhiyeessu.
Gara irreeffannaatti yoo imalan faaruu qabu. Isas akkan jechuun faarfatu;
”Gabbisayyoo biyya gabbisaa gadoo
yaa waaq-sorii nutti roobii–x2
Gadaa yaanaa hoo
Yaa gadaa hiddatti waaqaa hoo
Soree roobee
leeccaan sabbooqa daraaree
Odaa dameen lafa gechuu hoo
gadaa maseenti ilma dechuu hoo
soree roobee
Leeccaan sabbooqa daraaree
Odaa dameen dalga ciisee hoo
Karraa ilmoo sittan dhiisee hoo
Soree roobee
Sabbooqa daraaree…”
jechaa gara Irreecha Tulluutti imaluun Waaqni roobee lafa gabbisee sa’aa nama akka quubsuuf waaqa kadhatu. Kanaaf Irreechi Tulluu kan Waaq-kadhaati jechuudha.

Irreecha malkaatiinis Oromoon lafa ulfoo malkaatti imaluun booruu gannaa calalee bishaan taliilarratti waaqaaf galata dhiyeessu jedhan Abbaan Gadaa Goobanni Hoolaa.
Gara malkaas yoo imalan ilma xiqqaa micaa dabballee, intala qarree of dura oofuun adeemu. Abbootiin Gadaa mirga ijoollee yoo adeeman Haatii siiqqee cinaa bitaatiin adeemu. Akkas jechuunis faarfachaa adeemu.
”Hoo yaa maree hoo
Maree hoo
Malkaa bu’uuf deemna yaa maree hoo
Maree hoo
Irreecha irreeffanna yaa maree hoo
Maree hoo
Irreechi irree keenya yaa maree hoo
Maree hoo
Xiqqaa nuu guddisi yaa maree hoo
Maree hoo
Ofaltiif sitti deemna yaa maree hoo
Maree hoo
Hoo yaa maree hoo” jechuun farfachaa malkaa bu’u.
Irreeffannaan sirna Gadaa Oromoo keessaa tokko kan ta’e ayyaana tokkummaafi walooman kabajamu akka ta’es Abbaan Gadaa Goobana Hoolaa turtii AMN PLUS waliin taasisanirratti ibsaniiru. Duudhaan irreeffannaa Oromoo kunis biyyaarra darbee sadarkaa addunyaatti xiyyeeffannaa kan argatee keessummoota hedduutu ayyaan kanaaf nutti dhufa waan ta’eef hawaasni hunduu namuusa sirna Gadaatiin simannaa gochuu akka qabaniis himaniiru.

Mootummaanis duudhaa hawaasa kana caalaatti miidhagsuuf iddoo irreeffannaa Malkaa Hora Finfinneefi Hor-sadii hulaa seensaafi bahinsaa bal’isee misoomsuun irreeffannaan dhiphina tokko malee akka taasifamuuf hojii guddaadha raawwates jedhaniiru.
Irreeffannaa Malkaa Hora Finfinneefi Hor-sadii Bishoofturratti sabaf sab-lammoonni akkasumaas keessummoonni biyya alaarra waan dhufaniif hawaasni duudhaa sirna gadaatiin jaalalaafi gamachuun simachuu akka qabanis dhaamaniiru Abbaan Gadaa Goobana Hoolaa.
Shuumii Badhaasootii