MM Abiyyi Ahimad Warshaa Boba’aa Qulqulleessuufi Warshaa Xaa’oof dhagaa bu’uuraa kaa’an

You are currently viewing MM Abiyyi Ahimad Warshaa Boba’aa Qulqulleessuufi Warshaa Xaa’oof dhagaa bu’uuraa kaa’an

AMN Plus- Fulbaana 22/2018

Har’a taatee seenaa Itoophiyaanota hunda boonsu raawwanneerra jedhan Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD)

Dooktar Abiyyi Ahimad ijaarsa warshaa xaa’oo Yuuriyaa fi warshaa boba’aa calaluuf dhagaa bu’uuraa kaa’aniiru.

Ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa taatee seenaa Itiyoophiyaanota hunda boonsu raawwachuu ibsuun; dhagaa bu’uuraaa pirojektoota lamaa kaa’uu dubbatan.

Ijaarsa warshaa xaa’oo Yuuriyaa Itiyoophiyaa Invastimanti Hooldiing fi Giruuppii Daangooteen ijaaramuufi ijaarsa warshaa boba’aa calalu Godee kan Giruuppii Gooldan Koonkoordiin ijaaramuuf dhagaa bu’uuraa kaa’uu eeraniiru.

Warshaan calallii boba’aa Godee bakka boba’aa Hilaal irraa boba’aa baasuun, calaluun fi kuusuun waggaatti boba’aa toonii miiliyoona 3 fi kuma 500 oomishuu akka danda’u ibsaniiru.

Warshaan xaa’oo ammoo bakka boba’aa Kaaluubii baasuun fi ujummoo kiiloomeetira 108 dheeratu fayyadamuun waggaatti toonii miiliyoona 3 oomishuun kan dhiyeessu ta’uu hubachiisan.

Pirojektoonni kunneen guddina Indaastirii agarsiisuurra darbee carraalee fayyadamuu, tumsawwan cimsuu fi itti gaafatamummaa waloo keenya nageenya cimsuu kan agarsiisanidha jedhan.

Itiyoophiyaanonni hundi gamtaafi tokkummaan guddinaaf akka tumsan waamicha dhiyeessaniiru.

Kana yoo goone haala miira Itoophiyaa isa dhugaan kabachiisuun waltajjii addunyaarratti sadarkaa Itoophiyaa ni guddisna jedhan.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply