MM Abiyyi Ahimad Hadiyyaafi Silxeetti manneen moodela baadiyyaa qonnaan bultootaaf dabarsan

You are currently viewing MM Abiyyi Ahimad Hadiyyaafi Silxeetti manneen moodela baadiyyaa qonnaan bultootaaf dabarsan

AMN PLUS- Fulbaana 30/2018

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad gandoota baadiyyaa modeelaa Hadiyyaafi Silxeetti manneen ijaaraman jiraattotaaf dabarsanii kennuu isaanii ibsan.

Manneen jireenyaa abbaa ciisicha sadii kunneen meeshaa baayogaazii nyaata bilcheessuuf ta’u, maddiisiisaa anniisaa aduu, bakka horsiisa lukkuufi dallaa horii addaa qabaachuu himaniiru.

Kunis galteewwan naannootti argamanirraa gatii madaalawaafi xiqqaa ta’een hawaasa baadiyyaaf bakka jireenyaa mijataa argamsiisuun hawaasa baadiyyaaf badhaadhina milkeessuuf hojjachuu akka agarsiisu ta’uu ibsaniiru.

Yaadni yoo burqu, ilaalcha kiyyoo ta’e “Hin danda’amu” jedhu keessaa bahuun qabeenya keenya yoo waan sirrii dursi kennamuuf irra oolchine hawaasa ceesisuu akka dandeenyu amanuu qabna” jedhan Ministirri Muummee.

Hojiin naannolee afranitti hojjatame naannolee hunda keessatti babal’achuu akka qabu hubachiisaniiru.

Hojiin isaas kan anga’oota naannolee akka ta’e beeksisaniiru.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad gandoota baadiyyaa modeelaa Kambaataafi Halaabaatti roobii darbe jiraattotatti dabarsanii kennuun isaanii ni yaadatama.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply