Miidhagina taatewwan Finfinneef bu’uurri guddaan uummata- Kantiibaa Adaanech Abeebe

You are currently viewing Miidhagina taatewwan Finfinneef bu’uurri guddaan uummata- Kantiibaa Adaanech Abeebe

AMN Plus- Onkoloolessa 03/2018

Kurmaana Jalqabaatti taateewwan Magaalaa Finfinneetti keessummaa’an akka milkaa’aniif bu’uurri guddaan uummata akka ture Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee himan.

Manni Maree Magaalaa Finfinnee 3ffaan, Yaa’ii Idilee 1ffaa Bara Hojii 5ffaa taa’aa jira.

Finfinneen Kurmaana jalqabaa baranaa irratti bifa hin amaleeffatamneen taateewwan idil addunyaa gurguddoo 3, ayyaanota addababa’ii gurguddoo Masqalaafi Irreechaa, hiriira gammachuu Hidha Haaromsaa, sagantaa Warra Wangeelaa guddaa dabalatee taatewwan hedduu keessummeessuu eeran.

Taateewwan kunneen hundi milkaa’oo, miidhagoo, ilaalcha gaarii uummanni addunyaa biyya keenyaaf qabaatu kan ijaare ta’uu ibsan.

Taateewwan kabajaman kanneen irratti bu’uuraaleen misoomaa tokkollee akka hin miidhamneefi eeruun hannaa tokkollee kan hin gabaafamne ta’uun isaa, uummanni waloo isaaf hagam akka dhaabbatu agarsiistuu ta’uu Kantiibaa Adaanech ibsaniiru.

Uummatni Finfinneefi naannawashee, abbootiin qabeenyaa hoteelotaa, warren tajaajila geejjibaa irratti bobba’an, qaamoleen nageenyaa sadarkaan jiran, hoggantoonni hundi milkaa’ina taateewwan kanneeniif tumsa olaanaa taasisuu ibsuun galateeffataniiru.

Tagany Bafiqaaduutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply