Sadarkaa Qulqullina barnootaa daran cimsuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhame

You are currently viewing Sadarkaa Qulqullina barnootaa daran cimsuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhame

AMN Plus – Onkoloolessa 13/2018

Abbaan Taayitaa To’annoo Qulqullina Barnootaa fi Leenjii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee qulqullina barnoota mirkaneessuuf qooda fudhattoota waliin mari’achaa jira.

Itti aantuun Hogganaa Abbaa Taayitichaa Aaddee Tagaayituu Abbaabbuu qorannoo bara darbe gaggeeffameen sadarkaan manneen barnootaa magaalicha keessa jiranii dabaluu himan.

Kanaafis agarsiiftuun Manneen barnootaa magaalaa Finfinnee Sadarkaan jiran keessatti qabxii gahaan galmaa’uu ibsan.

Ta’us Finfinnee keessatti manneen barnootaa ulaagaa barbaachisu hin guunne muraasni jiraachuu kan dubbatan Aadde Taagaayituu, Abbaan Taayitichaa Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf tarkaanfii barbaachisu ni fudhata jedhan.

Abbaan Taayitichaa Qooda fudhattoota Kutaalee magaalichaa irraa walitti dhufan waliin, Kallatti xiyyeeffannaa bara barnootaa 2018 irratti marii gageessaa jira.

Geetaahun Katamaatu Gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply