AMN PLUS-Onkoloolessa 20/2018
Giddu Galli Tajaajila Bakka tokkoo “Addis Masoob” rakkoolee kenna tajaajilaa waliin walqabatan hedduu akka fure tajaajilamtoonni ibsaniiru.
Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Araadaatti, Addis Masoob irraa tajaajila wayita argatanitti AMN PLUS kan dubbise Aadde Dirribee Ba’eechaa “Duraan akka meeshaa oliif gadi kan nu oofan amma furamne” jedhan.
Umrii maanguddummaa keessa kan jiran Aadde Dirribeen ”Osoo oliif gadi hin jooriin yeroo gabaabaa keessatti tajaajila barbaade xumurachaa jira. Saffisaan na keessummeessan” jedhan.
Addis Masoob irraa tajaajila argachuun yeroofi baasii adda addaa akka isaanii qusate tajaajilamaan biraa Obbo Girmaa Sambataa AMN PLUS’f yaada kennanin ibsaniiru.
Jeneraal W/Giyoorgis Asiraat tajaajilaaf achitti argamani. Tajaajilli argachaa jiran si’ataafi saffisaa ta’uu kan himan. Mootummaan hojii gammachiisaa akkanaa itti fufuu akka qabu dhaamaniiru.
Bakka kanatti tajaajilli hunduu haala qindaa’aa ta’een kennamaa akka jiru Itti Gaafatamaan Giddu Gala Tajaajila Bakka Tokkoo “Addis Masoob” Magaalaa Finfinnee Obbo Yoonaas Alamaayyoo ibsaniiru.
Keessattuu tajaajilootni kanneen akka daldalaa, galii, galmeessa ragaalee bu’uraa, haaromsa heyyama adda addaafi tajaajiloonni murteessoon bakka tokkotti, haala maammiltootaaf mijatuun kennamaa akka jiran Obbo Alamayyoon ibsaniiru.
Shuumii Badhaasootu Qindeesse