Aartiin ilaalchaafi seenessa waloo ijaaruun biyya utuba- Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Aartiin ilaalchaafi seenessa waloo ijaaruun biyya utuba- Kantiibaa Adaanech Abeebee

‎AMN Plus- Onkoloolessa 03/2018

‎Tokkummaa ilaalchaa fi seenessa waloo ijaaruu keessatti shoorri aartiin qabu olaanaa ta’uu hubatamee damichaaf xiyyeeffannoon addaa laatamuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee dubbatan.

Kantiibaa Adaanech, Yaa’ii Idilee 1ffaa Bara hojii 5ffaa mana maree magaalaa Finfinneerratti gaaffiiwwan barbaachisummaafi xiyyeeffannoo damee aartii waliin walqabatanii ka’aniif deebii kennaniiru.

‎Akka Finfinneetti Manneen Tiyaatiraa duraan turan haaromsuu irra darbee Koompileeksii Tiyaatiraa guddicha dhiyeenya eebbisiisuus yaadachiisan.

Aartiin galma keessaa ba’ee uummatatti akka dhiyaatuufis pilaazota 150fi aanfii tiyaatiraa 50 ijaarameera jedhaniiru.

‎Ogeeyyiin aartii bilisummaa oogummaa akka qabaataniif akkasumas ofii isaanii danda’anii akka ijaaramanii fi fooyya’iinsi hojimaataa taasifamuullee Kantiibaa Adaanech dubbataniiru.

‎Oogummaa isaaniitiin galii dhaabbataa akka argataniif hojiiwwan jajjabeessan raawwatamaniiru jedhan.

Aartiitti fayyadamuun ijaarsa biyyaafi seenessa waloo ijaaruun itti fufas jedhaniiru.

Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply