Naannoo Affaar, Aanaa Afdeeraatti, sagaleen dhoo’iinsa Voolkaanoo fakkaatu dhaga’amuun haarri samiirraa mul’ate
Bakka bu’aan Bulchaa Aanaa Afdeeraa Obbo Mohaammad Sayid AMN Dijitaaliif akka himanitti, sagaleen dhoo’iinsaa kun bakka duraan Voolkaanoon dhoo’erraa xiqqoo fagaatee bakka biraatti mudate jedhan.
Sagaleen dhoo’iinsaa guddaa ta’uusaan jiraattotni fagoorraa dhaga’uu mirkaneessaniiru.
Abdulaziiz Mohaammaditu gabaase