AMN Plus – Onkoloolessa 03/2018
Manni Maree Magaalaa Finfinnee Addis Miidiyaa Neetiwork dabalatee dhaabbilee mootummaa itti waamamni isaanii mana marichaaf ta’an Shaniif beekkamtiifi badhaasa kenneera.
AMN Sagaleen Dhalootaa sochiiwwan magaalaa Finfinnee ijaaf gurra uummataa ta’uun hojii hojjeteen badhaafamaa addaa ta’eera.
Beekamtiin kun kan kenname raawwii olaanaa hojii bara 2017 irratti hundaa’uun yoo ta’u, Af-Yaa’iin Mana Marichaa Aadde Buzeenaa Alkaadir, “Dhaabbileen kunneen akka magaalaattis ta’e akka biyyaatti shoora olaanaa waan bahataniif beekamtiin kan kenname” jedhaniiru.

Dhaabbileen beekamtiin kennameefis AMN, Waajjira Oodiitara Muummichaa, Yaa’ii Komii Fuudhaa Dhimmoota Beenyaafi Lafa Gadhisiisuu, Komishinii Farra Malaammaltummaa fi Mana Murtii Dhaddacha Ol Iyyannoo fa’i.
Manni marichaa milkaa’ina karoora hojii bara 2018’f dhaabbilee Mootummaa itti waamamni isaanii mana marichaaf ta’an waliin waliigaltee hojiis mallatteesera.
Sisaay Dirribaatu gabaase