Angoolaan guyyaa Walabummaa waggaa 50ffaa kabajduuf Arjantiinaa affeerte

You are currently viewing Angoolaan guyyaa Walabummaa waggaa 50ffaa kabajduuf Arjantiinaa affeerte

AMN PLUS- Sadaasa 3/2018

Liyoonel Meesiifi Shaampiyoonaan Addunyaa Arjantiinaan kabaja guyyaa walabummaa Angoolaa 50ffaa irratti argamuuf gara Luwaandaatti akka imalan beekameera.

Angoolaan Porchugaal irraa bara bilisa itti baate 50ffaa kabajuuf, urjii kubbaa miilaa Arjantiinaafi yeroo ammaa Kilaba Inter Miyaamii keessa taphataa jiru Meesii affeerteetti.

Magaalaa Luwaandaattis Gareen Biyyaalessaangoolaa gitasaa Arjentiinaa waliin tapha michoomaa ni taasisu.

Angoolaan garee Arjentiinaa gara dacheesheetti fiduuf Doolaara Ameerikaa Miiliyoona 13 ramaddeetti. Kanaanis, daawwatoota idil addunyaa hedduu harkisuuf yaadameera.

Dorgommiin kubbaa miilaa guyyaa walabummaa Angoolaa miidhagsuuf karoorfame kun Jimaata Istaadiyemii ‘November 11’ jedhamutti akka taasifamu TRT Africa gabaaseera.

Gareen Li’oonel Meesiin durfamu kun bor Luwaandaa akka seenu beesksieera. Angoolaan kolonii Poorchugaal jalaa ba’uun of dandeessee walabummaa ishee kan labsite, ALAtti Sadaasa 11 bara 1975 akka ta’e ni yaadatama.

Malkaamuu Abbabaatu qindeesse

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply