AMN PLUS- Amajjii 20/2017
Arsenaal kaardii diimaa Luwiis Iskeeliif kenname haqa maleedha jechuun iyyate.
Tapha torbee 23ffaa Arsenaal dirreen ala Wolvis waliin taphate irratti kaardii diimaan Luwiis Iskeeliif kenname murtee dogoggooraa ta’uu deegartoonni kilabichaa komataa turuun ni yaadatama.
Maarree Arsenaal kaardii diimaa amma dura taphataa Maanchistar Yuunaayitid Buruunoo Fernaadesiif kennameen walqabsiiseeti kan himate.
Biruunoo Fernaandeez tapha Maanchistar Yuunayitid Tootinahaam waliin taasise irratti badii Jaamsi Maadisan irratti hojjeteen kaardiin diimaan isaaf kenname dogoggoraan ta’uu hordofee akka haqamu taasifamuun isaa ni yaadatama.
Dogoggorri kun kan wal nama falmisiisu miti kan jedhu leenjisaan kilabichaa Arteettan ol iyyannoon isaanii kunis akka fudhatama argatu abdii qabaachuu himan.
Arsenaal bara kana kan Luwiis Iskeeliin dabalatee kaardii diimaa 4 keessummeesse.
Ol iyyannoon kuni fudhatama kan hin arganne yoo ta’e Luwiis Iskeeliin tapha sadi kan Maanchistar Siitii, Leester Siitii fi Niwkaastil Yuunaayitid waliin taasisu kan isa darbu ta’a.
Misikkir Alamaayyootiin