Atileetonni Itoophiyaa dorgommii ‘Grand slam Track ‘ 2ffaa har’a ‘USA’ Miyaamitti jalqabu irratti ni eegamu

You are currently viewing Atileetonni Itoophiyaa dorgommii ‘Grand slam Track ‘ 2ffaa har’a ‘USA’ Miyaamitti jalqabu irratti ni eegamu

AMN PLUS-Ebla 24/2017

Dorgommii atileetiksii Grand slam track 2ffaa har’aa eegalee guyyoota sadiif Ameerikaa Miyaamitti dorgomamu irratti atileetonni Itoophiyaa fageenya garaagaraan ni hirmaatu.

Dorgommiin waggaa waggaan magaalota afur keessatti fiigamu kuni marsaan jalqabaa Jaamaayikaa Kingisatanitti kan eegale yoo ta’u har’a ammoo Miyaamitti kan itti fufu ta’a.

Dorgommicha irratti atileetonni Itoophiyaa Koorniyaa lamaaninuu kan hirmaatan yoo ta’u,meetira 5000’Tsiggee G/Salaamaa, Madinaa Issaa, Hiruut Mashashaa fi Ayinaaddis Maabraatuu ni hirmaatu.

Dhiirotaan atileet Hagos G/Hiwoot meetira 3000 Itoophiyaa bakka bu’ee dorgoma.

Dorgommii ‘Grand slam track’ 2ffaan Miyaamitti fiigamu kana irratti atileetonni biyyoota 24 irraa walitti dhufan kan hirmaatan yoo ta’u, atileetiin injifate qabxii 12 argata. Atileetin dorgommii irratti hirmaatee qabxii caalmaa argatee injifate badhaasa doolaara Ameerikaa kuma 100 argata.

Misikkir Alamaayyootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply