AMN- Mudde 10/2017
Filannoo Pirezdaantummaa Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa irratti Oromiyaa bakka bu’ee dorgomaa kan jiru Atileet Komaander Silashii Sihin Atletksii ummanni abdii irraa dhabaa dhufe jijjiiruuf nan hojjedha jedhe.
AMN waliin turtii kan taasise Atileet Silashiin naannoo Oromiyaa guddummaa duraan qabdutti deebisuuf akka hojjetu hime.
Atileet Silashiin atletksii Itoophiyaa ummanni abdii irraa dhabaa dhufeera, sana jijjiiruun abdii itti horuuf ammoo nan hojjedha jedhe.
Akkasumas nannoon Oromiyaa gahumsa gama atletksiin qabdu akka fayyadamtu nan tasisaa jechuu Atileet Komaander Silashii Sihin dubbateera.
Atileet Sileshi waliin kadhimamtonnii 7 Dilbataa dhufu filannoo pirezidaantummaa Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaaf ni dorgomu.
Rabbirraa Hirphaatiin