AMN – Amajjii 16/2017
Biyyoonni Afrikaa erga sirna bittaa kolonii Awurooppaa jalaa bilisoomanii booda hedduun isaanii miseensa gareewwan ilaalcha adda addaa tarkaanfachiisan ta’uun gareewwaan gurguddoo sadii hundeessanii turan.
Garee Kaazaabilaankaa (Gaanaa, Giinii, Aljeeriyaa, Misir (Ijipt), Moorookoo fi Maaliidha), Garee Biraazaaviil (Senegaal, Moritaaniyaa, Ayvoorii Koosti, Koongoo, Gaaboon, Nijeer, Appar Voltaa /Burkiinaa Faasoo/, Daahomee /Beeniin/, Chaad, Kaameruun fi Rippablika Giddugala Afrikaa) fi Garee Monoroviyaati (Itoophiyaa, Laayibeeriyaa, Liibiyaa fi Naayijeeriyaa).

Gareen Kaazaabilaankaa ejjennoo biyyoonni Afrikaan dirqama aadaa Afrikaa ganamaa deebisuuf kan yaadame ture. Kun immoo biyyoota Afrikaa siyasaa fi dinagdeen gamtoomuu qabu jedhu irratti kan xiyyeeffate ture. Akkasumas, humna waraanaa biyyoota Afrikaa bakka bu’uu fi Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa hundeessuu irratti kan xiyyeeffatu ture.
Bara 1960, Gareen Biraazaaviilii miseensa biyyoota Afrikaa kudha lama keessaa kudha tokko bittaa kolonii Faransaay jalaa bilisoomaniin kan hundeefamedha. Gareen kun babal’achuu ilaalcha Koministootaa kan balaalefatu ture. Haaluma kanaan walitti dhufeenya siyaas-dinagdee gargaarsaan biyyoota Awurooppaa waliin garee cimsachuu barbaadus ture.
Gareen Monoroviyaa, inni sadaffaaa, yaada araaraa kan qabuudha. Akkasumas, sababa fedhii biyyoota Afrikaa hedduu waan ta’eef akka biyya tokkotti gamtoomuu osoo hin taane akka mootummoota biyyoota Afrikaatti gamtoomuun filatamaa ta’uu isaa irratti garee xiyyeeffatuudha.
Haaluma kanaan yaada biyyoonni Afrikaa fedhii isaaniin walitti dhufeenya siyaasaa, dinagdee, aadaa fi hawaasummaa horachuu qabu jedhu irratti garee xiyyeeffatuudha. Yaadni kun fudhatama akka argatu gaheen Itoophiyaan taphatte salphaa hinturre.

Yaadni garee sadaffaa hundeeffamuu Dhaabbata Tokkummaa Afrikaaf bu’uura guddaa ta’e jira. Gareewwan ilaalcha adda addaa tarkanfachiisan sadanuu Caamsaa bara 1963 marii Finfnneetti gaggeessaniin waliigalteeirra gahuun, Dhaabbatni Tokkummaa Afrikaa hundeeffamuu danda’eera. Akkasumas, Magaalaan Finfinnee teessoo dhaabbatichaa ta’uun filatamuun hanga har’aatti wiirtuu dhaabbatichaa ta’uun tajaajilaa jirti.
Kaayyoowwan ijoo Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa hundeessuuf ka’uumsa ta’an keessaa muraasni biyyoota miseensa ta’an gidduutti tokkummaa siyaasaa fi dinagdee jajjabeessuu, akkasumas koloneeffannoo Awurooppaa hundee buqqisuu, hariiroo biyyoota Afrikaa gidduutti cimsuu, barnootaa fi teeknoolojii ammayyaa dagaagsuu ture.
Dhaabbatni kun gama biraan lammiileen Afrikaa hundi mirga namoomaa akka argatan gochuu, sadarkaa jireenyaa lammiilee Afrikaa hunda fooyyessuu, waldhabbii miseensota biyyoota gidduu jiru furuu karaa lolaan osoo hin taane marii nagaa fi dippilomaasii furuu kan kaayyeeffate ture.
Caasaaleen gurguddoon kaayyoo dhaabbatichaa milkeessuuf ijaaraman gurguddoo afur qaba. Isaaniis, yaa’ii waliigalaa, mana maree ministeerootaa, waajjira barreessitootaa fi komishinii araaraa fi gorsaati. Akkasumas, caasaalee komishinoota mootummaa fi miti-mootummaa adda addaa ofjalaa qaba.Yaa’iin waliigalaa waggaatti altokko kan walitti qabamuu fi hoggantoonni biyyoota miseensa ta’anii kan keessatti argamanidha.

Manni maree ministeerootaa caasaa isa lammaffaa yoo ta’u ministeeronni haajaa alaa biyyoota miseensa ta’anii kan keessatti argamanidha. Caasaan waajjira barreessitootaa hojjettoota waajjira Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa yoo ta’an dhaabbanni kunis kan hogganamu barreessaadhaan. Barreessaan jalqabaa Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa Dr. Kiflee Wadaajoo, lammii biyya Itoophiyaati. Gareen araaraa fi gorsaa yaa’ii waliigalaan kan muudamanii fi dhimma nagaa fi tasgabbii ilaalchisee araara irratti kanneen hojjatanidha.
Hundeeffama Tokkummaa Afrikaaf jalqabaa kaasee hanga sadarkaa amma jiru kanatti moototni Itoophiyaa hundumtuu qooda guddaa gumachaniiru. Atsee Haayilesillaasee dabalatee Pireezidaant Mangistuu Haayilemaariyaam akkasumas Muumicha Ministeera duraani Obbo Mallas Zeenaawiin teessoon gamtaa kanaa akka turuuf aarsaa kaffalaniiru.
Yaa’iin Gamtaa Afrikaa waggaa waggaatti ji’a Amajjii keessa Magaalaa Finfinneeti ni taa’ama. Haata’u malee gareen tokko tokko teessoon Gamtaa Afrikaa Finfinnee irraa akka kaafamuuf gaaffii dhiyeessaa turuun isaaniis ni yaadatama. Kan akka komeetti ka’aa ture immoo magalattiin sababa qulqulinaan walqabatee akka ture yaadanno isa dhiyooti.

Haata’u malee waggootan muraasa darban kana keesatti sadarkaa magaalattii ol-guddisuuratti hojiiwwan gurguddoon hedduun hojjetamaa tureera. Yaaddanoo Injifannoo Adawaa dabalatee hojiiwwan kooridarii hojjatamee fi hojjetamaa jiruun qulqullinaa fi miidhagina magaalattii dabalaa jira.
Magaalli Finfinnee yaa’ii waliigalaa kan bara kanaa keesumeesuuf qophii barbaachisu taasisaa jirti.
Maddi :- Insaakilopidiyaa, BBC Afaan oromoo fi marsaa hawaasaa garagaraati
Tolasaa Mabraateetu qopheesse