Ayyaanni Shuwaaliid bifa nageenya, waliin jireenyaa fi sabdaneessummaa cimsuun kabajama

You are currently viewing Ayyaanni Shuwaaliid bifa nageenya, waliin jireenyaa fi sabdaneessummaa cimsuun kabajama

Waajjirri Dhimmoota Kominikeeshinii Naannoo Hararii ayyaana Shuwaaliid guyyoota muraasa booda kabajamu ilaalchisuun ibsa kenneera.

Ayyaana Shuwaaliid saba Hararii biratti baroota dheeraaf kabajamaa kan turee fi Dhalootaan aadaa fi duudhaa isaa eegee arra gaheedha.

Calaqqee Ummata Hararii kan tahe ayyaanni Shuwaaliid iddoo guddaa kan qabu yoo tahu keessattuu ayyaana qofa osoo hin taane ummata waliin hariiroo jireenyaa hawaasichaan wal qabatu qaba.

Ayyaanni kuni ayyaanoota duudhaa waliin jireenyaa ummata biyya keenyaa cimsaa jiran keessaa tokko yoo tahu,keessattuu kutaa baha biyya keenyaa keessaa aadaa fi duudhaawwan hariiroo obbolummaa ummataa cimsuu keessatti shoora guddaa taphachaa jira.

Ayyaanni Shuwaaliid sadaasa, 25/2016tti Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Hambaa idile addunyaa barnoota Saayinsii fi aadaa (UNESCO)ti hambaa hin qabatamne galmaa’ee jira.

Kanaafuu ayyaanichi kan Ummata Hararii qofa osoo hin taane, qabeenya Itoophiyaa fi addunyaa taheeti jira.

keessattuu Ayyaanni Shuwaaliid sochii roga turiizimii naannoo fi biyya keenyaa guddisuu keessatti shoora guddaa qaba.

Ayyaana Shuwaaliid baranaa “qabeenya hambaa keenyaa, misooma turizimii keenyaaf” dhaadannoo jedhuun kabajama.

Ayyaanni Shuwaaliid baranaa bifa nageenya, waliin jireenyaa fi sabdaneessummaa cimsuun kabajuuf qophiin barbaachisu xumuramee jira.

Ayyaanni kutaalee hawaasa naannichaa, naannoolee ollaa irraa dhufan argamanitti sagantaawwan feestivaalii adaa fi agarsiisaa, daawwii hojiilee misoomaa fi sagantaalee biroon yoo kabajamu keessummoonni kutaalee biyyattii gara garaarraa dhufan ni hirmaatu jedhamee eeggama.

Waajjira Dhimmoota kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Hararii

Bitooteessa, 22, 2017

Harar

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply