AMN PLUS- Onkoloolessa 10/2018
Qabeenyi Godina Baalee keessa jiru Itoophiyaa irra darbee Afrikaafuu akka gahu Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa ibsan.
Daawwannaa Baaleetti Ministirri Muummeefi Hoggantoonni Mootummaa Olaanoon akkasumas Hoggantoonni duraanii taasisaniin holqa Soof Umaritti Wal gahuun waa ‘ee qabeenya Baalee keessatti argamu ibsaniiru.
Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa daawwannaa kana irratti kan argame “qabeenya Baalee keessa jiru gubbaa taa’anii waa’ee rakkinaa, hiyyummaa haasa’uun nama dhiba” jedhan.

Biyya Baalee fakkaatuufi qabeenya akkana dhiisanii biyya Arabaa hojii barbaaduf deemuun, sanuu achii hanqatanii bishaaniifi gammoojjitti lubbuu kan dhaban dargaggoonni heddun akka jiran Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa mararteedhan kan ibsan.
Dabalataanis, qabeenya kan fakkaatu dhiisanii biyyaarraa baqachuufi hojii dhiisuun wal mormaa ooluun akka isaan gaddisiise Abbaa Duulaa Gammadaa dubbataniiru
Misoomni amma eegale jalqabbii ta’uu kan ibsan Abbaa Duulaa Gammadaa, biyyaa baqachuu fi wal mormuu dhiisuun qabeenya Baalee keessa jiru kana misoomsuun hiyyummaa keessa bahuun akka danda’amu eeraniiru.
”Gahumsi jira, sammuun jira, humni jira biyya dargaggeessaati qabeenya kana baasnee itti fayyadamuu qabna” jedhan Abbaa Duulaa Gammadaa.
Shuumii Badhaasootiin