AMN PLUS- Bitootessa 3/2017
Baankiin Daldala Itoophiyaa dhaabbata Baabuul Haayiriif gargaarsa tola ooltummaa Birrii miliyoona taasiseera.
Baankii Daldala Itoophiyaan dhaabbilee hojii tola ooltummaa hojjetaniifi deeggaramu taasisu keessaa tokko kan ta’e dhaabbanni tola ooltummaa Baabuul Haayiriin yeroo sooma ramadanii kana namoota rakkoo keessa jiraniif akka oolu bakkaa Pirezidaantiin baankichaa Obbo Abbee Saanoo argamanitti arjoomameera.

Dhaabbanni tola ooltummaa Baabuul Haayiriin guyyaatti namoota kuma afur fi dhibba saddeet ol tajaajila nyaataa akka kennu odeeffannoon marsaa hawaasa Baankii Daldala Itoophiyaa irraa argame ni mul’isa.