Badhaasni qulqullinaa dhaabbilee biyyaalessaa 11ffaan gaggeeffamaa jira

AMN- Mudde 5/ 2017

Badhaasni Qulqullinaa Dhaabbilee Biyyaalessaa 11ffaan bakka Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen argamanitti gaggeeffamaa jira.

Saganticharratti Walitti Qabaan Boordii Dhaabbata Badhaasa Qulqullinaa Itiyoophiyaa fi Pireezidaantii Eeggataan Yuunivarsiitii Finfinnee Dooktar Saamu’eel Kiflee, Hoji Raawwachiisaan dhaabbatichaa Tewoodiroos Mabiraat dabalatee qondaaltonni olaanoon mootummaa argamaniiru.

Dhaabbileen tajaajilaa fi oomishaa ulagaalee Idil Addunyaa guutaan badhaasni qulqullinaa akka kennamuuf eerameera.

Dorgommii badhaasa qulqullinaa Idil Addunyaa marsaa 11ffaan dhaabbileen 50 galmaa’uu hanga xumuraatti dorgomaa turuu TOI gabaaseera.

Dhaabbanni badhaasa qulqullinaa, qulqullinaaf xiyyeeffannaa addaa kennuun, biyyattiitti ga’umsa dorgomtummaa Idil Addunyaa guddisuu fi qulqullina bu’uuressuun, qulqullinni aadaa biyyattii akka ta’u tumsuuf bara 2000 kan hundaa’e ta’uun ibsameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply