AMN – Muddee 10/2017
Komishinii Marii Biyyoolessaatti Marii Naannoo Oromiyaatti taasifamuuf bakka bu’oota kutaalee hawaasaa 7020 keessaa har’a namoonni 320 ni kan filataman ta’uun ibsame.
Waltajjiin ajandaa marii walitti qabuu Naannoo Oromiyaa erga eegalee Guyyaa Shanaffaa lakkoofsiseera.
Waltajjicharratti aanaalee Oromiyaa 356 irraa bakka bu’oonni kutaalee hawaasaa 7020 hirmaachaa kan jiran yoo ta’u, namoota bakka isaanii bu’an 320 filachaa jiru.
Namoonni 320 har’a filataman, qooda fudhattoota Naannoo Oromiyaa waliin walitti makamuun kan mari’atan akka ta’e ibsameera.
Guddataa Ajjamaatu Gabaase