AMN Onkololeessa 10, 2017
Haroo Caamoo irratti bidiruun namoota 16 feetee imalaa turte erga dhidhimtee booda reeffi namoota 12 argamuu poolisiin beeksise.
Bidiruun kun Kamisa darbee naannawaa sa’aatii 10:20 dhidhimuun kan yaadatamuudha.
Jimaata darbe namoonni 3 lubbuun argamuu isaanii Ajejaan Qajeelcha Poolisii Godina Gaamoo Inispeektar Dabbabaa Oontoon ibsaniiru.
Hojii lubbuu baraaruu hojjetamaa jiruun kaleessa Reeffi namoota 2 fi har’a kan namoota 10 argamuu dubbataniiru.