Ji’oota Shanan Darbanitti Qarshiin Biiliyoonni 380 walitti qabameera – Minsteera Galiiwwanii

You are currently viewing Ji’oota Shanan Darbanitti Qarshiin Biiliyoonni 380 walitti qabameera – Minsteera Galiiwwanii

AMN – Muddee 17/2017

Ji’oota shanan darban keessa galiin qarshii biiliyoona 380 walitti qabamuu isaa Minstirri Galiiwwanii aadde Ayinaalam Nugusee ibsan.

Raawwii sassaabbii galii waggoota jijjiiramaa darban ilaalchisee ministirrittiin ibsa kennaniin, karoora misooma biyyaalessaa hojiirra oolchuuf galii biyya keessaa fooyyessuu fi guddisuun akka dandeettii ijootti ilaalama jedhan.

Kunis fedhii misoomaa bu’uuraalee ummataa sadarkaa sadarkaan ijaaruun deebisuu kan dandeessisu ta’uu eeranii, waggoota jijjiiramaa darban keessatti adeemsa sassaabbii galii irratti jijjiiramni bu’uuraa dandeettii galii fooyyessuu hojii irra oluu ibsaniiru.

Bu’aan kun akka dhufu, fooyya’iinsi imaammataa fi bu’uuraalee seeraa akkasumas hojimaata teeknolojii diriirsuun kenniinsa tajaajilaa sirreessuu akka ta’e kaasaniiru.

Fooyya’iinsi taasifame adeemsa sassaabbii galii irratti jijjiirama guddaa fiduu isaa hubachiisaniiru.

Bara 2010tti galiin Mootummaa Federaalaa Qashrii biiliyoona 176 akka ture yaadachiisuun, ji’oota shan darban qofa keessatti Qarshii biiliyoona 380 walitti qabuumu himuu isaanii Ministeera Galiiwwanii irraa odeeffanne.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply