AMN PLUS Guraadhala 13/2017
Balaa xiyyaaraa tibbana Ameerikaa Magaalaa Miniyaapuulis irra gara Toroontotti imalee qubachaa osoo jiruu mucucaachuudhan balaa galagaluu mudachun isaa ni yaadatama.
Wiixata darbe balaa Daandii Xiyyaara Deelta jedhamu buufata xiyyaara Magaala Toroontooti wayita qubachuuf jedhu balaa isa qaqabeen imaltoota hundaaf beengaa Doolara kuma 30 kafaluuf akka ta’e BBC’n gabaaseera.
Xiyyaarri kun yeroo qubachuuf jedhu mucucaachuu irran kan ka’e galgaluu isaatiin abiddi uumamuyyuu imlatoota irratti balaa cimaan garuu hin uumamne.
Haata’u malee erga xiyyaarichi kufee booda namoonni 21madaa’uun hospitaala naannichatti argamu geessuun yaalamaniyyu namooni 19 battalumat bahuu isaan ibsameera.
Xiyyarichi imaltoota 76 fi hojjetota balallii 4 kan fe’e yoo ta’u yeroo Magaalaa Toroontotti qubachuuf jedhu balaan kan mudate ta’uu BBC’n fuulaa weebsaayitii isarratti ibseera.
Hojii gaggeessan Daandii Qilleensa Deelta Id Baastiyaan sababiin balaa kana qoratamaa akka jiruBBC’tti himaniiru.
Tolasaa Mabrateetu gabase