AMN – Amajjii 15/2017
Filannoon Pireezidaantummaa Amerikaa kan eegale bara 1890 (A.L.A) yoo ta’u waggoota 135 lakoofsiseera. Waggoota kanneen keessatti Pireezidaantonni adda addaa ‘White House’ wal-harkaa fuudhaniiru.
Haata’u malee Pireezidaant Doonaald J. Tiraamp Pireezidaantota biroo irraa waan heedduutu adda isaan taasisa.
Kanneen keessaa muraasni isaa akka armaan gadiitti dhiyaateera:-
Seenaa filannoo pireezidaantummaa Ameerikaa keessatti pireezidantummaa irra osoo jirani dorgommii moo’atamuun masaraa erga gadhiisani booda yeroo lammaffaaf dorgommii mo’achuun gara masaraatti deebi’uun Doonaald Tiraamp adda isaan taasisa.
Guyyaa hojii pireezidaantummaa jalqabaatiin qajeelfamoota 78 ol guyyaa tokkotti mallateesuun adda isaan taasisa.
Doonaald Tiraamp diraamaawwan dabalatee fiilmiiwwan beekkamoo ‘Hollywood’ 68 adda addaa ol irratti hirmaataniiru.
Doonaald Tiraamp Pireezidaantota Ameerikaa keessaa Joon F. Keeneedii caaluun dureessa beekkamaa nama biizinasiiti. ‘Trump Towwer’ dabalatee dhaabbilee ijaarsa manaa (Real State) isaanii biyya isaanii irra darbee biyyoota akka Paanamaa, Biraazil fi biyyoota Kaaribiyaanii adda addaa keessatti damee hedduu qabu
Tiraamp yeroo ijoolummaa isaaniitti amala rakkisaa kan qaban waan tureef abbaan isaanii amala rakkisaa kana sirreessuuf umrii isaanii waggaa 13tti gara akkaadamii loltummaa Niiw Yoork (New York Military Acadamy) akka galan taasisaniiru.
Doonaald Tiraamp yeroo lamaanuu kan Pireezidaantummaaf dorgoman dubartoota waliin yoo ta’u lamaanuu injifataniiru
Maddi:- US News fi Encyclopedia Britannica