AMN PLUS, Guraandhala 11, 2017
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii ariifachiisaa 1ffaa bara hojii 4ffaa har’a taa’een gabaasa raawwii waggoota sadii Komishinii Marii Biyyaalessaa qorachuun barri hojii komishinichaa dabalataan waggaa 1’f akka dheeratu murteesseera.
Koreen Dhaabbii Dhimmootaa Seeraa mana marichaa raawwii komishichaa erga gamaaggameen booda, komishinichi hojii isaa waliigalaa akka xumuruuf barri hojii isaa waggaa 1’n akka dheereffamu yaada dhiyeessuun ni yaadatama.
Komishinichi hojiilee ijoo hafan qabaachuurraan barri hojii isaa waggaa tokkoon akka dheeratu sagalee mormii 3’n sagalee caalmaan raggaasiseera.
Bara hojii dabalataan kennameef keessatti komishinichi hojiilee irraa eegaman hafan akka xumuru gaafataniiru.
Barri hojii komishinichaa barbaachisa ta’ee wayita argamu Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataan barri hojii isa akka dheereffamu libsii hundeeffama komishinichaan tumameera.