“Beekamtiin kun shoora biyyi keenya damee Atileetiksiin addunyaarratti qabdu kan mul’isu dha”- Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing “Beekamtiin kun shoora biyyi keenya damee Atileetiksiin addunyaarratti qabdu kan mul’isu dha”- Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS- Sadaasa 12/2018

Itoophiyaan gumaacha atileetiksii addunyaa keessatti ba’atteef beekamtii idil addunyaa lama argatte.

Fiigichi Guddichi Itoophiyaa Hambaa Atileetiksii Addunyaa ta’uun beekamtii yoo argatu atileet Abbabaa Biqilaa gumaacha addunyaaf taasiseen beekamtiin kennameera.

Hambaa Masaraa Biyyaalessaa keessa kaa’ame irratti kan argaman Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Gootichi Abbabaa Biqilaa Room irratti miila duwwaan erga injifatee kaasee Itoophiyaan atileetota hedduu addunyaaf gumaachuu eeran.

Ergasii fiigichi guddichi Itoophiyaa waggaa waggaan hawwiin eegamus Atileet Hayilee Gabrasillaaseen hundaa’e magaalaa Finfinneef miidhagina addaa uumuun waggaa waggaan kan eegamu ta’uu eeran.

Fiigichi kun hambaa atileetiksii addunyaa ta’uun beekamtii argachuunsaa “shoora biyyi keenyaafi magaalaan keenya damee Atileetiksiin addunyaarratti qaban kan mul’isu dha” jedhaniiru Kantiibaa Adaanech Abeebee.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply