Af-yaa’ii Caffee Oromiyaa
Bulchiinsa magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Kooyyee Facceetti guyyaa Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) gara aangootti itti dhufan Bitootessa 24 fi waggaa 14ffaa dhagaan bu’uuraa hidha haaromsa guddicha laga Abbaayaa kaa’ame sababeeffachuun mata duree ‘Harki Xiiqiif Gamtaa’ee Siidaa_Dhalootaaf_Kaa’e’ jedhuun sagantaan fiigicha guddicha qophaa’eera.
Sagantaa kana irrattis Afa-yaa’ii caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan, sadarkaa ministeeraatti Daareektarri olaanaa hidha haaromsa guddicha Itoophiyaa Dr Aregaawwii Barihee, Kantiibaa bulchiinsa magaalaa Shaggar Tashooma Addunyaa (Dr.) dabalatee hooggantoonni mootummaa biroofi Atileetotni argamaniiru.
Af – yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan saganticharratti ergaa dabarsaniin guyyaan kun guyyaa ifti badhaadhinaafi milkaa’inootni gama siyaasaafi dinagdeen itti mul’ateedha jedhan.
Injifannoo Bitootessa 24 argameen biyya fiixee diiginsaa irra geese baraaruun aadaa siyaasaa falaasama haaraa obbolummaa sab-daneessummaa itti gonfatame hundeessuun danda’ameera jedhan.
Kantiibaan Magaalichaa Tashoomee Addunyaa ( Dr.) Bitootessi 24, guyyaa injifannoo qofa osoo hin taane, bu’a-qabeessummaan injifannoo keenyaa kan itti mul’ateefi milkaa’inootni gurguddoon kan ittiin gonfataman ta’uu ibsaniiru.
Magaalli Shaggaris bu’aa qaama Injifannoo Bitootessa 24 ta’uu himanii uummata Itoophiyaa maraaf guyyaa jalqabbii Badhaadhinaa ta’uus ibsaniiru.
Sadarkaa ministeeraatti Daareektarri olaanaa Hidha haromsa guddicha Itoophiyaa Aragaawwii Barihee (Dr.) Hidhi Guddicha Itoophiyaatiin ilaalcha ni danda’ama jedhu gamtaan dhugoomsuun kan danda’ameefi injifannoo gamtaan argameenis hidhi haaromsa guddicha Itiyoophiyaa dhibbeentaa 98 irraan gahuus himuusaanii BKO irraa odeeffanne.