AMN – Muddee 2/2017
Jilli Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Godina Baalee Bahaa Aanaa Laga Hidhaatti Kilaasteera Misingaa Lafa heektaara 5400 irratti qonnaan bultootaan misoome daawwateera.
Obbo Shimallis Abdiisaa daawwannicha irratti ergaa dabarsaniin, Naannoo Oromiyaatti dameewwan Qonnaa, Albuudafi Turizimiitti gargaaramnee sirnaan yoo hojjenne fayyadamummaa uummata keenyaa bu’uuraan fiduu danda’ameera jedhan.
Godina Baalee Bahaatti Rooba Gannattiin lafa heektaara 508,893 kan misoome yoo ta’u, oomisha kana irraa kuntaala 16,011,803 kan argamuu fi kana keessaa mishingaan lafa heektaara 21,801 kan uwwifame ta’uu itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Baalee Bahaa Obbo Zalaalem Alamaayyoo himuu isaanii Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa irraa odeeffanne.