Boordiin Investimantii Oromiyaa Abbootii Qabeenyaa kuma 2 fi 500 oliif lafa Investimantii murteesse

You are currently viewing Boordiin Investimantii Oromiyaa Abbootii Qabeenyaa kuma 2 fi 500 oliif lafa Investimantii murteesse

AMN PLUS- Bitootessa 9/2017

Boordiin Investimantii Oromiyaa Abbootii Qabeenyaa kuma 2 fi 500 ol, Kaappitaala Birrii Biiliyoona 72 ol galmeessaniif lafa Investimantii murteesseera.

Boordichi walgahii har’a taa’een Abbootii Qabeenyaa biyya keessaa, biyya alaa, qonnaan bultoota adda duree, Interpiraayizoota Maayikiroo fi Xixiqqaa fi Waldaalee Hojii Gamtaa gara Investimantiitti ce’aniif lafa heektaara kuma 18 oli murteessuu Biiroon Investimantii fi Indaastirii Oromiyaa Beeksiseera.

Haaluma kanaan kallattii Boordiin Investimantii Oromiyaa kaa’een abbootiin qabeenyaa murtii boordii argatan kunneen hojiitti akka galan Hoogganaan Biiroo Investimantii fi Indaastirii Oromiyaa Obbo Ahimad Idiriis ibsuu isaani odeeffannoon Biiricharra argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply