Burtukaan Gabrakiristoosii fi Rahiimaa Zargaaf sirni gaggeessaa taasifame

You are currently viewing Burtukaan Gabrakiristoosii fi Rahiimaa Zargaaf sirni gaggeessaa taasifame

AMN PLUS, Guraandhala 19, 2017

Taphattoota garee biyyaalessa dubartoota Itoophiyaa Burtukaan Gabrakiristoosii fi Rahiimaa Zargaaf sirni gaggeessaa taasifame.

Taphattoonni kunneen dhiheenya garee kubbaa miilaa biyyattiitti nagaa dhaammatanii turuun isaanii ni yaadatama.

Waggoottan 20 darbaniif garee biyyaalessaa tajaajilaa kan turte Burtukaan Gabrakiristoos,Yeroo lama garicha waliin Waancaa Afrikaarratti hirmaatteetti.

Haaluma wal fakkaatuun waggoota 15 garicha kan tajaajilte Rahiimaa Zargaa kilaboota biyyattii Bankii Daldala Itoophiyaa dabalatee waancaa Afrikaaarrattis hirmaatetti.

Guyyaa har’aa Isteedeemii Abbabaa Biqilaatti, bakka Pirezidaantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Isaayyaas Jiraa argamanitti Sirni gaggeessaa taasifameefiira.

Dachaasaa Dhaabiitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply