AMN – Sadaasa 03/2017
Biiroon dhimma dubartoota, daa’immanii Fi hawaasummaa Magaalaa Finfinnee akkaataa miidhaa koorniyaa hambisuun danda’amu irratti qooda fudhattoota waliin mari’ateera.
Hoggantuun itti aantuu Biirichaa Aadde Zinnaash Katamaa, maal na dhibdeefi sababoota biiroon yeroo miidhaan qaamaa, xiinsammuu fi saalaa dubartootaa fi daa’imman irra dhaqqabu namni kamuu callisnee ilaaluu osoo hin taane qaama gochaa aad-malee kana raawwate saaxiluun ol’aantummaan seeraa akka kabajamuuf hojjechuu qabu jedhaniiru.
Hirmaattonni marii kanaas dubartiin biyya, obboleettii dha, haadha, haadha manaati waan taateef kabajaa fi ulfinatu malaaf jechuun miidhaa koorniyaa, xiin-samuu fi kan biroo dubartootaa fi daa’imman irra gahuu malu kamuu hambisuuf gahee isaanii kan bahan ta’uu himaniiru.
Waltajjii marii kana irratti Abbootii Amantaa, maanguddoota, dubartoota, bakka buutota waldaalee siivikii dabalatee namoonni hawaasa keessatti dhageettii qaban argamaniiru.
Sisaay Dirribaatu Gabaase