Carraan guddachuu harka keenya jira- Obbo Junaddiin Saaddoo

You are currently viewing Carraan guddachuu harka keenya jira- Obbo Junaddiin Saaddoo

‎AMN PLUS- Onkoloolessa 11/2018

‎Daawwannaa Baaleetti Ministirri Muummeefi Hoggantoonni Mootummaa Olaanoon akkasumas Hoggantoonni duraanii taasisaniin holqa Soofumaritti marii taasisan irratti, Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa duraanii Obbo Junaddiin Saaddoo “Carraan guddachuu harka keenya jira” jechuun ibsaniiru.

‎Ogummaa zi’ooloojii barataniin iddoo kana qorachuu isaanii himuun bakki itti mari’atan galma uumamaa ‘Dirree Muudaa” jedhamuun akka beekamu dubbataniiru.

‎Dacheen Baalee gubbaan madda tuurizimii guddaa kan qabu akkasumas, keessa isaa ammoo albuudotni hin tuqamin akka jiran Obbo Junaddiin ibsaniiru.

‎”Daawwannaan ammaa kunis qabeenya kana baasnee itti fayyadamuuf daandii kan agarsiisudhas” jedhaniiru.

‎”Aangoo irratti xiyyeeffachuun wal mormuu dhiisnee qabeenya qabnu kanatti fayyadamuun hojjennee jijjiiramuu qabnas” jechuun muuxannoo hojjetanii jijjiiramuu kanas biyyoota baay’ee irraa barachuun akka danda’amu dubbataniiru.

‎Itti fayyadama teeknooloojii Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) jalqabsiisan jijjiirama saffisaa argamsiisaa akka jiru kan himan Obbo Junaddiin , qabeenya guddaa akka biyyaatti hin tuqaminis oomishatti jijjiiruuf jalqabbiin kun agarsiistuu guddaa akka ta’e yaadachiisaniiru.

Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply