Cehuumsi Oromiyaa ganda/araddaa kan giddu-galeeffateedha – Obbo Shimallis Abdiisaa

You are currently viewing Cehuumsi Oromiyaa ganda/araddaa kan giddu-galeeffateedha – Obbo Shimallis Abdiisaa

AMN – Muddee 17/2017

Cehuumsi Oromiyaa ganda/araddaa kan giddugaleeffate ta’uu Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa himan.

Kenna tajaajilaa ariitii fi qulqullina qabu sadarkaa gandaatti diriirsuudhaan hawaasa itti dhiyeenyaan tajaajiluuf Naannoo Oromiyaatti gurmaa’insa bifa haaraadhaan gaggeeffameen hojiiwwan itti quufiinsa ummataa dhugoomsan raawwatamaa jirachuu ibsaniiru.

Galma kana lafa qabsiisuuf, karoorri, raawwiin, hordoffiin, humneessi fi cehuumsi Oromiyaa ganda kan giddu-galeeffate ta’uu hubachuun sochii bal’aan eegalamee jira jedhan.

Galmi haaromsa gurmaa’insa kanaa, mootummaa dhaqqabamaa ijaaruu qofa osoo hintaane, caasaa dandeettii nagaa waaressuu, misooma saffisiisuu, haqa tiksuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuu danda’u ijaaruudha jechuu isaanii Waajjira Pireezidaatii Oromiyaa irraa odeeffannne.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply