“Chaayinaaf Taarifa nan hir’isa” Tiraamp

You are currently viewing “Chaayinaaf Taarifa nan hir’isa” Tiraamp

AMN PLUS-Onkoloolessa 20/2018

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp marii gita isaanii Shii Jiin Piinn waliin taasisaniin Chaayinaaf taarifa akka hir’isan beeksisaniiru.

Marii Kooriyaa Kibbaa Se’ulitti taasisaniin, Ameerikaafi Chaayinaan waliigaltee daldalaa akka mallateessanis ibsaniiru.

Tiraamp meeshaalee Chaayinaatii seenaniif taarifa hir’isuurra darbee albuudota akka salphaatti hin argamne irrattis waliin hojjachuuf waliigaluu ibsaniiru.

Dhimma TikTok irratti hanga ammaatti waan waliin jedhan hin jiru kan jedhan xiinxaltootni, oduu simbirtuun kanaan wal qabatu eegamaa jiraachuu BBC’n gabaaseera.

Waliigaltee biyyoota lamaanii irratti Chaayinaan hanga ammaatti waan ibsite hin qabdu.

Waliigalteen Ameerikaafi Chaayinaa kun kan fiixaan ba’u yoo ta’e, diinagdee gurguddoo lama jidduutti waliigaltee isa addaa ta’a jedhameera.

Mariin galma keessaa, haalli itti Tiraampiifi Jiiping harka wal qabatanii deemaniifi miirri gaarii jidduu jiru agarsiistuu kanaa ta’uu akka malu xiinxaltootni ibsaa jiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply