Chaayinaatti Kaampaaniin Roobootii agarsiisaaf dhiyeesse maaliif miila isaa waltajjii irratti kute?

You are currently viewing Chaayinaatti Kaampaaniin Roobootii agarsiisaaf dhiyeesse maaliif miila isaa waltajjii irratti kute?

AMN PLUS- Sadaasa 5/2018

Wanti waltajjii irra oliifi gadi deemu, daawwattoota galmicha keessa jiru ajaa’ibsiiseera. Yoo fuula isaa ilaalan waan haguugame jiruuf waan keessa jiru adda baafachuun rakkoo itti taheera.

Sababaa kanaatti, daawwattootni kaampaanii roobootiin uume naaf daawwadhaa jedhee isaan waame shakkuu hin oolle. “Roobootii daawwadhaa jedhee nama nu daawwachiisaa?” jechanii yoo shakkanis dhugaa qabu.

Kaampaaniin kunis shakkii kana mirkaneeffachuun, battaluma tarkaanfiin fudhate, heddummoota dinqisiiseera.

Kaampaaniin Shiipeng konkolaataa elektirikaa oomishuun beekamu kun wayita guyyaa teekinooloojii kabaju, roobootiin IRON jedhamu, sochii, saffisaafi si’aa’inni isaa akkuma olaanaa ta’uun wal qabatee, daawwattoota isaa fuulduratti miilaafi qaama isaa garaa garaa irraa kukkutuun agarsiisuuf dirqameera.

Haalli sochii Roobootii kanaa namoota tokko tokko biratti waanuma namatti waa maxxansanii agarsiisaaf baasan yoo fakkeessu, kanneen biroo ammoo sadarkaa teekinooloojiifi kalaqni irra jiru dinqisiifataniiru.

Hoji-raawwachiisaan Shiipeng, Shiya’openg miila roobootii kanaa kan muraniif akka namni keessa dhokate hin jirre mirkaneessuuf tahuu himaniiru.

“Namootni addunyaan ariitiin jijjiiramaa akka jirtu amanuu hin barbaadne jiru” jechuun achumaanis, namoota kalaqa kana shakkaniif ergaa isaanii dabarsaniiru.

Roobootiin IRON jedhamu kun daawwattootni teekinooloojiin sadarkaa kanatti guddachuu isaa dinqisiifachuu Oddity Central gabaaseera.

Malkaamuu Abbabaatu qindeesse

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply