AMN- Sadaasa 09/2017
Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan Yukireen misaa’ela fageenya dheeraa biyyattiin dhiyeessituuf Raashiyaatti akka dhukaastu yeroo jalqabaaf eeyyaman.
Pireezideentiin Yukireen Voloodmiir Zeleeniskiin, dhorkaan misaa’ela ATACMS jedhamuu akka ka’u yeroo dheeraaf gaafachaa turan.
Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin warri Lixaa tarkaanfii akkanaa fudhachuurraa akka of qusatan akeekkachiisaa turan.
Tarkaanfiin akkanaa yoo fudhatame NATO’n waraana Yukireen keessatti ”kallattiin akka hirmaate,” agarsiisa jedhan.
Maddi: BBC