Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Leenjitoota ogummaa balaliisuu, keessummeessa balaliifi birootiin leenjisaa ture Kuma 1 fi 103 eebbisiiseera.
Daandiin Qilleensichaa xiyyeeffannoon humna nama leenji’eefi gahumsa qabuuf kenne dorgomtummaa idil-addunyaafi imala ol ka’iinsa isaa mirkaneessuuf gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu Walitti qabaan Boordii Daandii Xiyyaara Itoophiyaa fi Ajajaan Olaanaa Humna Qilleensa Itoophiyaa Letenaal Jeneraala Yilmaa Mardaasaa ibsaniiru.

Leenjitootni biyyoota Afrikaa garaa garaa keessaa dhufanillee eebbifamaniiru.
Nageenyi, dhugummaafi tajaajilli maamilaa indastirii aviyeeshinii keessatti dhimmoota furtuu akka ta’an ibsanii leenjitootnis yeroo hojiitti seenan hojiirra oolchuun akka qaban hubachiisanii jiru.
Hoji-Raawwachiisaan Olaanaa Daandii Xiyyaara Itoophiyaa Masfin Xaasaw, daandiin xiyyaarichaa Afrikaafi Addunyaa irratti filatamaafi amansiisaa ta’uu eeruun, gama maraan hojii milkaa’ina qabu hojjachuun sadarkaa idil addunyaatti beekamtii hedduu argachaa akka jiru ibsuu isaanii TOI’tu gabaase.