Deeggarsi Daayaasporaan ijaarsa hidha haaromsaa guddichaaf taasisu itti fufeera -Ambaasaaddar Fitsum Araggaa

You are currently viewing Deeggarsi Daayaasporaan ijaarsa hidha haaromsaa guddichaaf taasisu itti fufeera -Ambaasaaddar Fitsum Araggaa

AMN PLUS – Ebla 08/2017

Deeggarsi Daayaasporaan ijaarsa hidha haaromsaa guddichaa Itoophiyaaf taasisu itti fufuusaa daarektarri olaanaa tajaajila diyaasporaa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Fitsum Araggaa ibsan.

Abbaa dhaabbata ‘Travel World Tourism’ kan ta’an lammiin Israa’elii obbo Warquu Tasammaa fi obbo Taammiraat Taaddasaa Imbaasii Teel-Aviivitti argamuun doolaara Ameerika kuma 12 deeggaruu ibsuun galateeffataniiru.

Raawwiin deeggarsaa walii gala misiyoonii Itoophiyaa Israa’el doolaara Ameerikaa kuma 30 fi 286 qaqqabuusaa ambaasaaddar Fitsum fuula marsariitii isaaniirratti ibsaniiru.

Daayaasporaan deeggarsa hidha haaromsaaf taasisu cimsee akka itti fufu ambaasaaddar Fitsum waamicha taasisaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply