Dhaabbatni Jarmanii Qoricha oomishu Baayar Itoophiyaatti hojjachuuf fedhii qabaachuu ibse

You are currently viewing Dhaabbatni Jarmanii Qoricha oomishu Baayar Itoophiyaatti hojjachuuf fedhii qabaachuu ibse

AMN PLUS-Onkoloolessa 11/2018

Jarmaniitti Dhaabbata Faarmaasiitikaalii fi Baayooteekinooloojii guddichi Baayar jedhamu Itoophiyaa keessatti damee qoricha oomishuu irratti hirmaachuuf fedhii qabaachuu beeksise.

Ministirri Maallaqaa Itoophiyaa Ahimad Shidee, Yaa’ii Dhaabbata Maallaqaa Addunyaafi Baankii Addunyaa Waashingitanitti hirmaataa jiran cinatti hoji-raawwachiisaa olaanaa Baayar Biil Andarsan waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin damee oomisha dawaa (Pharmaceutical) guddataa jiruun haala carraawwan invastimantiifi michoomaa uumuu isaan dandeessisu irratti fuuleffataniiru.

Ministirichi bu’uura misoomaa cimaa Itoophiyaan qabdu kaasuun Afrikaatti diinagdee saffisaa ta’e galmeessaa akka jirtu himan.

Mootummaan raabsaa oomisha qorichaa dabalatee dhaabbilee dameewwan gurguddoo biro irratti hojjachuu barbaadaniif haala invastimantii mijataa uumuuf kutannoon hojjataa akka jiru ibsaniiru.

Itoophiyaan teessoo Wiirtuu Ittisaafi To’annoo Dhibeewwan Afrikaa ta’uu agarsiisuun kunis biyyattii giddu gala oomishaafi raabsaa biyyoota naannichaa akka taasisu kaasuu isaanii odeeffannoon Ministeera Maallaqaa Itoophiyaa irraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply