AMN- Mudde 12/2017
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (Dr) Pireezidaantii Fraansi Imaanu’eel Maakroon waliin dhimmoota waloorratti mari’atan.
Pireezidaanti Imaanu’eel Maakroonii fi Mootummaan Fraansu ijaarsa Marasaa Biyyaalessaa fi hojii haaromsa manneen amantaa Laallibalaaf gumaacha taasisaniif galanni koo guddaadha jedhan Dooktar Abiyyi Ahimad.
Tumsa waloo damee garaagaraan qabnu irratti mari’achuun, hariiroo Invastimantii, barnootaa fi aadaa caalmaatti babal’isuuf waliin mari’anneera jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Barbaachisummaa hariiroo seenaa qabeessa biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuu ilaalchisee marii bal’aa taasiisuu himaniiru.